Shororkeessaa shanee dabalatee humnoota seeraan alaarratti tarkaanfiin fudhatamu cimee itti fufa-Preezdaantota Naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2014 (FBC) – Garee Shororkeessaa shanee dabalatee humnoota seeraan alaarratti tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatamu cimee itti fufa jedhan Preezdaantonni Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa, Obbo Shimallis Abdiisaa fi Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa.

Paartiin Badhaadhinaa walga’ii idilee gaggeessaa kan jiru yoo ta’u dhimmoota nageenya biyyaalessaa fi hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jirurratti mari’ateera.

Miseensonni Koree Hoji Raawwachiiftuu Paartichaa fi Preezdaantonni Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Dooktar Yiliqaala Kaffaalaa, gareen shororkeessitootaa haleellaan lammiilee nagaarratti raawwatan diina Ityoophiyaanotaa ta’uu kan mirkaneesseedha jedhaniiru.

Haleellaa garechaan lammiileerratti raawwate balaaleffachuun, tarkaanfiin garecharratti fudhatamus cimee kan itti fufu ta’uu Obbo Shimallis ibsaniiru.

Qaamoleen nageenyaa hawaasa waliin qindoomuun tarkaanfii fudhachaa jiraniin bu’aa jajjabeessaan galmaa’aa jiraachuu kaasaniiru.

Preezdaantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa gama isaaniin, kallattii Manni Maree Nageeyaa kaa’een, tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu gaaffilee ummataaf deebii ta’anii fudhatamaa jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan garee shororkeessa shanee dabalatee humnoota seeraan alaa nageenya ummataa balaarraa buusan irratti tarkaanfiin seera kabachiisuu fudhatameera jedhan.

Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartiin Badhaadhinaas haleellaa lammiilee nagaarratti raawwachaa jiru balaaleffachuu eeranii, tarkaanfiin shororkeessitootarratti fudhatamu cimee akka itti fufu kallattii kaa’eera jedhan.

Naannoo kamittiyyuu halleellaan lammiilee nagaarratti raawwatu dhimma Ityoophiyaanota hundaa ta’uu kan eeran Preezdaantonni naannolee kanneenii, Ityoopiyaanonni tokkummaa isaanii eeguun humnoota diina Ityoophiyaa ta’anirratti gamtaan qabsaa’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment