Shororkeessaa ABUT daa’imman waraanaaf hiriirsuun gaddisiisadha-Pirofeesar Aan Fiitzi Jeeraaldi

Finfinnee, Fulbaana 2, 2015 (FBC) – Shororkeessaa ABUT daa’immaan waraanaaf hiriirsuu fi calllisuun hawaasa idil addunyaa akka isaan yaaddessu Qorattuun Dhimma Nageenyaa Idil Addunyaa Kanaadaa Pirofeesar An Fitzi Jeeraaldi ibsan.

Pirofeesar Aan Fitzi Jeeraaldi walitti bu’iinsi kutaa Kaaba Ityoophiyaa erga eegale booda dhimmichaarratti xiyyeeffachuun qorannoo bal’aa taasisaaniin qorataa bu’aa qorannichaa akeekaan jalqabaa ta’uun beekamu.

Qoratittiin, gareen shororkeessaa ABUT waraanaaf kanneen hiriirsu humnaan filachuu fi daa’immaan booji’amanii Raayyaa Ittisa Biyyaatiin lubbuun isaanii baraarame, baatii ja’aan dura quunnamuun dubbisuun raga bahiinsa isaanii qorannoo isaanii keessatti hammachiisaniiru.

Yeroo ammaa garechi filmaataa nageenyaa mootummaadhaan dhiyaateef diduun daa’immaan dirqamaan waraanaaf hiriirsuu itti fufeera jedhan.

Hawaasni addunyaas gama dhaabbilee deeggarsaan midhaan nyaataa fi nyaata gabbistuu hawaasaaf dhiyaatuu kallattiin deeggaramtoorraa fudhachuun loltoota isaaf oolchaa akka jiru turtii FBC waliin taasisaniin himaniiru.

Qorattuun kun qorannoo isheef naannawaa aanaalee Afaar 5 fi Walloo Kaabaa fi Kibbaa Naannoo Amaaraa keessa deddeebi’uu dubbatu.

Ummanni Tigiraayis dhiibbaa ABUT jalatti kufuu kaasaniiru.

Wayita qorannoof deddeebi’anitti Naannoo Amaaraa fi Afaaritti garee shororkeessaa ABUT’n lammiileen wayita gara jabinaan ajjeefaman, daa’immaan maatii isaanii jalaa fudhatamanii ajjeefamuun kan isaan gaddisiise ta’uu himu.

Naannolee kanneenittis awwaalcha jumlaa ijaan arguu yaadachiisan.

Yuunivarsiitiwwan, dhaabbileen fayyaa fi amantaa manca’uu akkasumaas tajaajilonni addaan cituu himaniiru.

Gareen shororkeessichaa weerara marsaa 2ffaa Naannoo Afaarii fi Amaaraatti haleellaa meeshaalee waraanaa guguddaan, sinaayipparii dabalatee meeshalee ammayyaa’oo biroo fayyadamuun raawwachuu ibsaniiru.

Kunis sababa waraanichi cimaa ta’eef jirattoonni naannawa isaanii gadii dhiisanii akka buqqa’an taasiseera jedhan.

Lammiileen sababa garechaan buqqa’anis buufata qubannaa Afdeeraa fi Samaraa qabsiifamuu yaadachiisan.

Wayiita Naannoo Afaar socho’an haatii tokko ciniinsuun qabamtee akka argan boodas cina daandiitti akka deesse arguutti kan gaddan ta’uu himaniiru.

Buufataalee qubannaa Afaar wayita ga’anis bishaan dhabamuu fi meeshaaleen bishaan itti waraaban hiriira galanii arguu yaadachiisan.

Haala walfakkaatuun rakkoon akkanaa naannawaa Gaashanaa fi Walloo Kaabaatti akka mul’ate himan.

Miidiyaaleen idil addunyaa rakkochi akka jiru beekanis, haqa jiru tamsaasuurra faallaa isaan garee shororkeessaaf looguun odeeffannoowwan jiran akka gabaafaman dubbataniiru.

Kanaan waraanichi qaamaan ABUT waliin walwaraanuu qofa utuu hintaanee miidiyaalee idil addunyaa waliin akka ta’e hubachuu ibsaniiru.

Ololli qindaa’aa fi qorannoon deeggarame akkasumas odeeffannoowwan sobaa wayiita tamsaasaman hawaasni idil addunyaa garecha waliin wayita ta’u hubachuun kan gaddan ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbileen miidiyaa idil addunyaa Gaazexessummaa Qorannoon haqa jiru baasuun hawaasa idil addunyaaf utuu ga’anii jechuun gorsu.

Hawaasni addunyaas kutaa Kaabaa Ityoophiyaatti waan ta’aa jiru sirritti akka hubataniif qorattoonni biroonis dabalataan qorannoo akka gaggeessan dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment