Finfinnee, Mudde 21, 2017 (FMC)-Oromiyaa Godina Harargee Lixaa fi naannawichatti gocha shororkesummaa kanneen raawwachaa turan shororkeesitoonni 81, hidhaa cimaa waggaa 20 hanga waggaa 10’n akka adabaman itti murtaa’e.
Mudde 11, 2017, shororkeessitoota 27 hidhaa cimaa waggaa 23 hanga waggaa 1 fi baatii ja’aan akka adabaman itti murtaa’uu gabaasuun keenyaa ni yaadatama.
Dabalataan Godina Harargee Lixaa fi naannawaa isheetti nageenya ummataa booressuu, lammiilee nagaa ajjeessuu, yakka saamicha meeshaalee waraanaan deeggarame raawwachaa kan turan, oppireeshinii qaamolee nageenyaa gaggeeffameen to’annoo jala oolfamaniiru.
Poolisiin Federaalaas qorannoo gaggeessuun, Abbaan Alangaa himannaa baneen Mudde 18, 2017, Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Dirree Dhawaa dhaddachaa ooleen shrorkeesitoota kanneenirratti hidhaa cimaa waggaa 20 hanga waggaa 10’n akka adabaman itti murteessuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia