Shiroomeedaatti ijaarsi giddugala huccuu aadaa jalqabame

Finfinnee,Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman Shiroomeedaatti ijaarsi giddugala huccuu aadaa jalqabamuu beeksisan.
 
Injiinar Taakkalaan “Huccuu aadatiin miidhagnee, qorra ofirrraa ittisaa turreerra.” jedhan.
 
Yaata’uutii kalaqaan beektotaa kun babal’atee sadarkaa barbaadamurra hin geenye jedhan.
 
Kanaafis ijaarsi giddugala huccuu aadaa Shiroomeedaatti jalqabameera jedhan.
 
Giddugalichi yeroo gabaabaatti ijaarramee kan xumuramu ta’uus beeksisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment