Finfinnee, Bitootessa 15, 2015 (FBC)- Shakkamaan Shiroo fi Barbaree keessa baala sammuu namaa hadoochu dhoksuun gara biyya alaatti erguuf yaalii taasise to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.
Shakkamtichi kan to’annoo jala oolfame Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Aanaa 1 bakka addaa Markaatoo Giddugala Gabaa Xaanaatti kan argamuu Mana Poostaa keessatti ta’uun ibsameera.
Shakkamichi haalaa namni shakkuu hindandeenyeen baala sammuu namaa hadoochu ‘Kaanaabiis’ jedhamuu Shiroo fi Barbaree keessa dhoksuun kaartoonii fi pilaastikaan saamsuun gama Tajaajilaa Poostaa Ityoophiyaan gara Ingiliz Loondanitti erguuf utuu yaaluu harkaa fi harkatti to’atameera.
Haaluma kanaan qorannoon eegalamuu ragaan poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Daddabarsitoota baala sammuu namaa hadoochuu ittisuuf hojiileen hojjetamaa jiran cimanii kan itti fufan ta’uu poolisiin magaalichaa ibseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.