Shira finxaaShira finxaaleyyii fi gantuun tokkummaan biyyaa hin diigamu Mootummaa Federaalaaleyyii fi gantuun tokkummaan biyyaa hin diigamu Mootummaa Federaalaa

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC) – Shira finxaaleyyii fi gantuun tokkummaan biyyaa kan hin diigamne ta’uu Mootummaan Federaalaa Demookraatawaa Riippiblikaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Mootummaan Federaalaa Demookraatawaa Riippiblikaa haala qabatamaa yeroo biyyattii ilaalchisuun ibsa laateera.
 
Shira finxaaleeyyii fi gantuun tokkummaa sabdaneessaan kan hin deeggamne ta’uu ibsa laateen eereera.
 
Waggoottaan lamaan darbanitti gareen yakkamaan naannoo Tigraay mandheeffatee jiru jijjiirramni biyyaa akka hin milkanoofne gufachiisuuf shira olaanaa xaxaa turuu mootummaan federaala ibsa laateen himeera.
 
Gareen seeraan alaa kun shira xaxuun ummattoota gidduutti walitti bu’iinsa uumuun lubbuun lammiilee nagaa gaaga’amuu, qaamni hir’achuu, qabeenyi barbaadaa’uu ibsameera.
Yeroo ammaa Raayyaa Ittisa Biyyaa nageenya biyyaaf wabii ta’e irratti haleellaa raawwachuu ibseera.
 
Raayyaan Ittisaa birmadummaa biyyaa tiksuuf haleellaa garee finxaaleeyii fi gantootaan irratti raawwatame ga’umsaan qolachaa jiraachuu ibsi mootummaa federaalaa kun eereera.
 
Mootummaan federaalaa humna addaa naannoo Tigraay fedhii malee waraanaatti makameef waamicha taasiiseera.
 
Karaa nagaan naannoolee ollaa fi Raayyaa Ittisaa Biyyaa dhiyeenya isaaniiti argamu harka yoo laatan gamachuun kan simatu ta’uu beeksiseera.
 
Nageenya isaaniif wabii amansiisaa kan laatu ta’uu ibseera.
 
Mootummaan federaalaa ummata Tigraayifis ergaa dabarseera.
 
Raayyaa Ittisa Biyyaa waggoota 20 oliif cinaa isaanii ta’uun misoomaa fi rakkoo ummata naannichaa deeggaraa miira maatiin waliin jiraachaa ture waraanuun yakka seenaan hin daganne ta’uu hubachuun akka mootummaa cina dhaabbatan gaafateera.
 
Gareen kun shiraa fi gara hammeenyaan waraanaa lubbuu isaanii ummata naannichaaf dabarsee laataa ture waraanuun qaanessaa ta’uu hubachuun Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa akka dhaabbatan waamicha taasiiseera.
 
 
Mootummaan Federaalaawaa Demookraatawaa Riippibliika Ityoophiyaa ummata Ityoophiyaa hundaaf ergaa dhaameera.
 
Birmadummaa biyyaa kabachiisuuf Raayyaa Ittisa biyyaa biyya malee saba hin qabne ,fakkeenyaa Ityoophiyaa sirrii, raayyaa sabdaneessaa, biyyarra darbee addunyaarratti beekkamtii olaanaa horate irratti haleellaa raawwachuun biyyatti dhukaasaanii ajjeesuun garagar kan qoodamne ta’uu fi kabaja Ityoophiyaa tuquu akka ta’e hubatamuu qaba.
 
Mootummaan federaalaa tokkummaa sabdaneessaa biyyaa fi birmadummaa biyyaa tiksuuf tarkaanfii fudhatu murannoo fi kunannoon cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeessera.
 
 
Mootummaan Federaalaawaa Demookraatawaa Riippibliika Ityoophiyaa
 
Onkololeessa 25, 2013
 
Finfinnee.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment