Shira diinota keenyaa fashalessaa badhaadhina biyya keenyaa ni dhugoomsina-Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Finfinnee, Eebila 24, 2014 (FBC)- Shira diinota keenyaa fashalessaa badhaadhina biyya keenyaa ni dhugoomsina jechuun Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibseera

Mootummaan naannichaa ibsa haala waqtaawaa biyyaarratti laateera.

Guutuun ibsichaa akka armaan gaditti dhiyaateera

Biyyi keenya baroota hedduuf duudhaa waliin jireenyaa seenaa keessatti gabbifatteen shira diinota keessaafi alaa xaxamuun osoo hin jilbeeffatin sabaafi sablammoota gidduutti kabaja, jaalalaafi obbolummaa dagaagsaa dhalootaa dhalootatti darbaa as geessee jirti.

Ummata nagaan wal danda’ee jiraatu  kana gidduutti barootaaf shirri adda addaa xaxamus ummanni Itoophiyaa diinota tokkummaasaa laaffisan bilisummaa isaa irraa mulquuf tirtiraaniif osoo harka hin kenniin ilaafi ilaameen aadaa, seenaa, duudhaa, afaaniifi amantiisaa kunuunfachuu irratti argama.

Barii jijjiiramaa as humnoonni qabsoon ummataa aangoo irraa darbate aangootti deebi’anii ummata kana qorquuf gaarri isaan hin yaabneefi sulula isaan hin qaxxaamurre hin jiru. Humnoonni finxaaleyyii amantaafi saba dawoo godhachuun ummata nagaan waliin  jiraatu gidduutti summii isaanii faacaasuun ergama diinota keenyaa galmaan gahuuf yeroo isaan wixxifatan ni mul’ata.

Mootummaan Itoophiyaa sabdaneessummaa dagaagsuuf obbolummaa waaressuuf waadaa ‘jaalalaan idaa’amnee tokkummaan haa ceenu’ jechuun isaa humnoonni badii dalagan seeraan hin gaafataman jechuu akka hin taane hubachuun barbaachisaadha.

Finxaaleyyiin sabaafi amantaa dawoo godhatanii socho’an guyyaa har’aa hawaasa Musiliimaa Ayyaana Iid Al faxir kabajuuf bahe keessa dhokachuun ergama humnoota alaa galmaan gahuuf yaalii isaan Magaala Finfinnee keessatti taasisan hordoftoota amantaa Musiliimaafi sochii qindaawaa qaamolee nageenyaan fashaleera.

Ummanni keenya ammas tokkummaafi duudhaa waliin jireenyaa gabbifatee as ga’e cimsee itti fufuun Baandota amantaafi saba dawoo godhachuun biyya keenya diiguuf socho’an secca’ee of keessaa baasuu qaba.

Mootummaanis tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu finxaaleyyiifi shororkeessitoota ergama diinota biyya keenyaa fudhatanii socho’an irratti fudhatu jabeessee kan itti fufu ta’uu ibsaa, ummanni naannoofi biyya keenyaa hundi deeggarsa barbaachisaa ta’e kennuun mootummaa cinaa akka dhaabatu waamicha dabarsaa, hawaasni musiliimaa shira qaamolee muraasaan shirameen osoo hin jeeqamiin ayyaana nageenya naannoosaa eeggachaa ayyaana isaa akka kabajatu Maatummaan Naannoo Oromiyaa dhaamsa dabarsa.

Ayyaana Gaarii!

Eebla 24/2014

Finfinnee

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment