Shira badii ABUT biyya diiguuf hojjetaa jiru fashaleessuuf tokkummaan ni hojjetama – Mootummaa naannoo Beenishaanguul Guumz

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC)- Shira badii Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay biyya diiguuf hojjetaa jiru fashaleessuuf mootummaa fi ummanni tokkummaan kan hojjetan ta’uu mootummaan naannoo Beenishaanguul Guumz beeksise.
 
Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay Kaampii Raayyaa Ittisa Biyyaa naannoo Tigraay Iizii Kaabaarratti haleellaa raawwachuun gochaa biyya diiguu kan agarsiisu ta’uu mootummaa naannoo Beenishaanguul Guumz ibsa baaseen eereera.
 
Gochichi raayyaa ittisa biyyaa wareegama kaffaluun nageenya biyyaa tiksuuf dhama’aa jiru kan hin madaalle ta’uu eereera.
 
Ummannii fi mootummaan naannichaa shira ABUT biyya diiguuf xaxaa jiru qolachuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu mootummaan naannichaa ibsa baaseen himeera.
 
ABUT waggoottaan sadan darban keessa Beenishaanguul Guumz fi naannoolee birootti biyya diiguuf shirawwan garaagaraa raawwataa turu himameera.
 
Nageenyi fi tasgabbiin akka hin jiraanne humnoota badii bobbaasuun lammiilee nagaarratti yakkoota suukkaneessaa irra deddeebiin raawwataa kan ture ta’uu eerrameera.
 
Yeroo kun wayita ummanni mootummaa cinaa dhaabbachuun ergama badii kana qolachuuf qindoominaan hojjetamuu qabu akka ta’e eereera.
 
Mootummaa fi ummanni Beenishaanguul Guumz shira badii eegalame fashaleessuuf qophii ta’uu isaa ibseera.
 
Sabaa fi sablammoonni naannicha keessatti argaman qaamolee nageenyaa sadarkaa garaagaraatti argamu waliin kallatti mootummaan kaa’uun nageenyaa fi tasgabbii naannoo isaa eeggachuu akka qabu mootummaan naannichaa waamicha dhiyeessera.
Mootummaa Beenishaanguul Guumz
Onkololeessa 25, 2013
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment