Shiinzoo Abbeen boqotan

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) –Muummeen Ministiraa Duraanii Jaappaan Shiinzoo Abbeen rasaasaan rukkutamanii kan ganama har’aa hospitaala galan boqochuun gabaafame.

Shiinzoo Abbeen, hospitaalatti hordoffiin wal’aansa cimaan taasifamuufis lubbuun hafuu akka hindandeenye BBC fi CGTN gabaasaniiru.

Abbeen, Magaalaa Naaraa jedhamtutti duula filannoo kaadhimaamaarratti ture rasaasaan kan rukutaman.

Shakkamaan haleellicha raawwate to’annoo poolisii jala ooluun qoratamaa jiraachuun eerameera.

Shiinzoo Abbee, Jaappaaniin waggootaa hedduuf Muummee Ministirummaan gaggeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment