Shii Jiinpiing dhimma Taayiwaan irratti Joo Baayidaniin akeekkachiisan

Finfinnee, Adoolessa 22, 2014(FBC)- Pirezidaantiin Chaayinaa dhimma Taayiwaan irratti Pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayidaniin akeekkachiisan.

Shii Jiinpiing dhimma keessoo Taayiwaan gidduu seenuun abiddaan taphachuudha jechuun Joo Baayidaniin akeekkachiisuu gabaafame.

Af Yaa’iin Mana Maree Ameerikaa Naansii Peeloosiin daawwannaa hojiif gara Taayiwaanitti imaluuf karoora qabachuu hordofee muddamni Ameerikaa fi Chaayinaa gidduutti uumame daran hammaachaa dhufeera.

Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingiifi gitni isaanii Joo Baayidan dhimma Taayiwaan irratti sa’aatii lamaa oliif bilbilaan mari’achuu eerameera.

Mariisaaniin Ameerikaan qajeeltoo Chaayinaa “ Chaayinaa Tokko” jedhu kabajuu akka qabdu Shii Jiinpiing yaadachiisaniiru.

Adeemsa Taayiwaan biyya birmadduu uumuuf taasifamu kan hin yaadamne ta’uufi dhimmicha irratti giddu seentummaa humnoonni alaa taasisan komataniiru.

Bifuma walfakkaatuun dhimma Taayiwaan irratti giddu seentummaa daangaa darbe Joo Baayidan taasisan abiddaan taphachuu ta’uu fi abiddaan kan taphatu ammoo gubachuun isaa akka hin oolle akeekkachiisaniiru.

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan gamasaaniin, Ameerikaan gaaffii birmadummaa Taayiwaan kan deeggartuufi nageenyaafi tasgabbii biyyattii booressuuf tarkaanfii fudhatamu kan balaaleffattu ta’uu yaadachiisaniiru.

Ejjennoofi imaammanni Waashingitan dhimma Taayiwaan irratti qabdu ammas taanaan kan hin jijjiiramne ta’uu mirkaneessaniiru.

Gama biraan Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa, Peeloosiin akkaataa karoora isaaniin Taayiwaaniin kan daawwatan yoo ta’e Chaayinaan tarkaanfii kan fudhattu ta’uu ibsuu Aljeeziraan gabaase.

Ameerikaan dhimma Taayiwaan keessa seenuun gochoota jeequmsa uuman raawwachuurraa akka of qusattu yaadachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment