Sheek Mahaammad Biin Zaayid Preezdaantii Emmireetoota Araba Gamtoomanii ta’uun muudaman

Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) – Sheek Mahaammad Biin Zaayid Preezdaantii Emmireetoota Araba Gamtoomanii ta’uun muudamuu isaanii Manni Murtii olaanaa biyyatti beeksiseera.

Preezdaantiin biyyatti duraanii Sheek Kalifaa Biin Zaayid Al Nahyaan guyyaa kaleessaa boqachuu hordofee Sheek Mahaammad Biin Zaayid Preezdaantii Emmireetoota Araba Gamtoomanii ta’uun muudamaniiru.

Sheek Mahaammad Biin Zaayid abbaa isaanii bakka bu’uun preezdaantii biyyatti ta’aniiru.

Sheek Mahaammad Biin Zaayid bara hoggansa isaaniin, itti aanaa preezdaantii, Muummee Ministiraa fi bulchaa Dubaay ta’uun tajaajilaniiru.

Preezdaantiin biyyatti duraanii dhibee irra bubbuleen yaallamaa turuun, umrii waggaa 73ffaa isaaniitti guyyaa kaleessaa boqochuun isaanii ni yaadatama.

Guyyaa kaleessaa kan boqotan Preezdaant Sheek Kalifaa Bin Zaayid Al Nahyaan Abbaa Isaanii Sheek Zaayd Al Nahyaan bakka bu’uun bara Faranjoota 2004 gara aangootti dhufuun isaanii ni yaadatama.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment