Shawaa Lixaatti Pirojektonni 700 ol Birrii biiliyoona 3 oliin ijaaraman xumuramuun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 30, 2016 (FBC)-Godina Shawaa Lixaatti pirojektoonni misoomaa 762 Birrii biiliyoona 3 fi miiliyoona 396 oliin ijaaraman xumuramuun eebbaaf qophaa’uun ibsame.
Bulchaa Itti aanaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Takkaalliny Yimaamuun, pirojektoonni kunneen manneen barnootaa, keellaa fayyaa, daandii, riqaalee, kaanaalota jallisii ammayyaa, waajjiraalee tajaajilaa ta’uu ibsaniiru.
Pirojektoonni kunneen baajata mootummaa, tajaajila lammummaa, hirmaannaa hawaasaa fi dhaabbilee miti mootummaatiin kan ijaaraman ta’uun eerameera.
Pirojektoonni ijaarsi isaanii xumuramaan kunneen lammiilee miiliyoona 2.3 fayyadamtootaa akka taasisan Obbo Takkaallinyi ibsuu ragaan Kominikeeshinii Godinichaarra argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment