Shawaa Lixaatti lafa hektaara kuma 238 ol qamadii Jallisiin misoomsuuf facaasaan eegalame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2016 (FBC) – Godina Shawaa Lixaatti lafa hektaara kuma 238 ol qamadii Jallisiin misoomsuuf facaasaan Aanaa Ilfataatti eegalameera.

Akka Godina Shawaa Lixaatti aanaalee 23 keessatti lafa hektaara kuma 238 misoomsuuf har’a aanaa Ilfataatti facaasaan eegalamuu ibsameera.

Akka Oromiyaatti bara kana qamadii Bonaa lafa hektaara miiliyoona 2.6 misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri Kumni 500 qophaa’uun hektaarri kumni 127 faca’uu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Qindeessaan Pirojektii qamadii Jallisii Bonaa Obbo Xahaa Muummee himaniiru.

Akka Aanaa Ilfataattis, lafa hektaara kuma 25 Qamadii Jallisiin misoomsuuf karoormee hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 13 faca’uu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’is.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment