Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC) –Godina Shawaa Lixaatti guyyaa filannoo marsaa 6ffaa biqiltuuwwan miiliyoona 4.6 dhaabuuf qophiin xumuramuu Waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godinichaa beeksise.
Guyyaa filannoo tokkoon tokkoon filattoota biqiltuu jahaa akka dhaabaniif karoorfamuus Itti aanaan itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godina Shawaa Lixaa obbo Abbabaa Uumaa himaniiru.
Guyyaa har’a eegalee buufatalee filannoo hundaatti hojiin biqiltuuwwan dhiyeessuu hoojjatamaa jiraachuu himaniiru.
Boolli biqiltuuwwan itti dhaabbaman qophaa’uu dubbataniiru.
Godina Shawaa Lixaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 3ffaan biqiltuuwwan miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoonni 39 dhaabuuf qophiin xumuramuu ragaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa godinichaarraa argame ni muul’isa.
Suuraan kan Kuusaa dabalateeti.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.