Shawaa Kibba Lixaatti Feestivaaliin agarsiisa Aadaa ayyaana Masqalaa bifa addaan eegalame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC) – Godina Shawaa Kibba Lixaatti Feestivaaliin agarsiisa Aadaa jala bultii ayyaana Masqalaa bifa addaan eegalameera.

Sirni qunnii buqqifannaa Baatii Qaamee keessa kabajamu, Ayyaana Shamarran hin heerumnee akkuma ta’e, ayyaana Masqalaa irratti immoo dargaggoonni hawwiifi gammachuu qaban mana namootaarra deemuun sirbanii Birrii fudhatu.

Masqalli ayyaanota ummataa Godina kanatti beekaman keessaa isa tokkoo fi mallattoo ifaa fi abdiiti jedhame.

Guyyaa Masqalaa adii uffatanii adii nyaatu jedha Oromoon.

Dargaggoonni godinichaas Aadaa Uummata godinichaa ganamaa deebisuuf uffataa fi meeshaa Aadaan faayamanii Masqalaa faarsu.

Hawwii fi gammachuu qabanis qe’ee namarra deemuun ibsataa jiru.

Sirboota durii Godinichatti sirbamu keessaa:- Yaa dureessa Koo hayyee2+ Dureessi hin boonu hayyee Natti hin booninii hayyee Gooftaa qarreerra marmaaruu Siin eebbisa sin Abaaru jechuun faarsu.

Yemmuu maallaqni kennamuuf immoo:- Lootuun lootee lootee hin gubatinii Addunyaa siif kenne sirraa hin fudhatinii jechuun eebisaa deemu jechuun OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment