Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC) – Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaatti Filannoon marsaa 6ffaa gaggeeffamu karaa nagaan akka xumuramu qophii barbaachisu taasiisuu Poolisiin godinichaa beeksise.
Godinichatti Naannoon filannoo 13, buufataaleen filannoo kumni 1 fi 128 kan jiran yoo ta’u filattoonni kumni dhibbi 6 fi kumni 64 kaardii fudhachuun filannoof qophii ta’uu ibsameera.
Paartileen siyaasaa 6 kan waliin falmatan ta’uus himameera.
Buufataalee hundarratti humni nageenyaa ramadamuu fi loogii malee amanamummaan qaama hunda walqixa keessummeessuuf qophii ta’uu ibsameera.
Alaayyuu Garamawitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.