Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC) – Godina Shawaa Bahaatti Filannoo marsaa 6ffaaf qophiin xumuramaa jiraachuu Waajjirri Qindeessaa Boordii Filannoo godinichaa beeksiise.
Jiraattoonni aanaalee godichaas guyyaa boruu sagalee laachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Shawaa Bahaatti naannolee filannoo 11, buufataaleen filannoo kumni 1 fi kumni 540 kan jiran yoo ta’uu, jiraattoonni miiliyoonni 1 fi kumni 18 ol kaardii filannoo fudhachuun filannichaaf qophii ta’uu ibsaniiru.
Raabsi meeshaalee filabnnoo % 90 ol xumuramuu Qindeessaan Waajjira Boordii Filannoo Damee Shawaa Bahaa obbo Dabalee Warquu ibsaniiru.
Kanneen hafanis har’a hanga sa’aatii 6 kan xumuramu ta’uu eeraniiru.
Afawarqi Iyyaayyuutu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.