Shaneen Diina Ummataa fi biyyaa waan ta’eef barbadeessuun dirqama – Obbo Geetaachoo Baalchaa

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Shaneen Diina Ummataa fi biyyaa waan ta’eef barbadeessuun dirqama ta’uu Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaan ibsaniiru.
 
Ummanni gurmaa’ee nageenya isaa akka eeggatu hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
 
Naannoo Oromiyaa jeequuf kan socho’aa jiru humna shororkeessaa Shanee barbadeessuuf qaamni nageenyaa karaa qindaa’een tarkaanfii fudhachaa jiraachuu obbo Geetaachoo Baalchaa ibsaniiru.
 
Sochii humna shororkeessaa Shanee hirmaannaa ummataan to’achuu fi hordofuun ummanni amala Shaneen qabuu fi humna shororkeessaa ABUT waliin walitti dhufeenyaan hojjechaa jiraachuu ummnni akka hubatu taasifamaa jiraachuu himaniiru.
 
Shaneen dhala namaa hundaaf diina waan ta’eef barbadeessuu danda’uu qabna jedhamee qindoominaan hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
 
Torban muraasa keessatti tarkaanfii humna kanarratti fudhatameen miseensota Shanee 173 ta’an barbadaa’uu kaasaniiru.
 
Hirmaannaa ummanni kallattiin taasisuun ala nageenya kabachiisuun akka hin danda’amne mootummaan dursee waan amanuuf ummanni qe’ee isaarraa eegalee gurmaa’ee naannoo isaa akka eegu taasifamaa jiraachuus obbo Geetaachoon eeraniiru.
 
Humni shororkeessaa shanee naannoo itti socho’utti aadaa fi duudhaa ummanni yeroo rakkootti walii birmannaa qabullee adda kutuun wal bira akka hin dhabbannes taasisuun namoota nagaa irratti tarkaanfii gara jabinaa fudhachaa tureera jedhan.
 
Mootummaan gama isaatiin qaamolee kanarratti tarkaanfii fudhachuun ummanni haala duudhaa fi aadaa duraan qabuun wal bira akka dhaabbatu taasisuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Geetaachoon kaasaniiru.
 
Lammiilleen iddoowwan Shaneen socho’u keessa jiraatan gurmaa’anii qe’ee fi naannoo isaanii humna nageenyaa waliin ta’uun nageenya isaanii akka eeggatan taasifamaa jiraachuus himaniiru.
 
Humni shororkeessaa Shaneen jalqaba jiraattota naannichaa irraa meeshaa hiiksisuun qe’ee fi naannoo isaanii akka hin eegganne taasiseera kan jedhan obbo Geetaachoon, tarkaanfii fudhatamuun humna shororkeessaa irraa meeshaa hiikuun ummanni ofii isaa hidhachuun nageenyasaa akka eeggat hojjetamaa jira jechuu isaanii EBCn gabaaseera.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment