Finfinnee, Amajjii 8, 2014 (FBC) – Shampiyoonaan Ispoortii Aadaa Aanalee Godina Shawaa Kaabaa kudha sadii fi Bulchiinsa Magaalaa tokko jidduutti gosoota ispoortii aadaa Shaniin guyyoota sagaliif gaggeeffamaa ture har’a xumurameera.
Kaayyoon shaampiyoonaa kanaa aadaa Ummata Oromoo Salaalee mul’isuu fi Ispoorteessitoota Godina Shawaa Kaabaa bakka bu’anii Shaampiyoonaa Ispoortii Aadaa guutuu Oromiyaa 27ffaaf Sandaffaatti gaggeeffamu irratti hirmaatan filachuuf
Itticgaafatamaan Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Godina Shawaa Kaabaa obbo Lammaa Dasaa ibsaniiru.
Ispoortiin Aadaa eenyummaa ummata Oromoo daraan guddisuun hariiroo Ummata cimsuuf qooda qabaachuu Itti gaafatamaa Federeeshinii Ispoortii Aadaa Oromiyaa Obbo Baqqalaa Iraasuu dubbataniiru.
Akka Federeeshinii Ispoortii Aadaa Oromiyaatti kilabii Ispoortii Aadaa hundeessuuf karoorfannee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru,
Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaatti Daayreektarri Daareektoreetii Leenjii fi Dorgommii Ispoortii obbo Makonnin Baqqalaa, Ispoortiin aadaa bu’ura ispoortii ammayyaa waan ta’eef, ispoortii aadaa kana gara ammayyaa fiduun seera walfakkaataa itti baasnee waalteessuuf ispoortii kanarratti xiyyeeffannee hojjenna jedhaniiru.
Shaampiyoonaa kanaan tapha waliigalaa fi agarsiisa aadaan qabxii olaanaa galmeesisuun Aanaan Dagam waancaa fudhachuu OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.