Finfinnee, Onkololeessa 21, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti shakkamtuun hojjechiistuu ishee haala suukkanneessaan ajjeeste to’atamuu poolisiin magaalichaa ibse.
Yakkichi kan raawwate Onkololeessa 18, 2015 guyyaa keessaa naannoo sa’aatii 10:45 bakka Askoo jedhamuun beekamutti ta’uu eerameera.
Shakkamtuun kun waldhabdee gidduusaaniitti uumameen hojjechiistuu ishee tumtuu bunaa( zanazanaa) fi meeshaa qara qabuun miidhaa irraan geessisuun yakka ajjeechaa raawwachuu poolisiin eereera.
Ragaan hawaasa biraa poolisii erga qaqqabeen booda hordoffii cimaa taasifameen guyyoota sadiin booda to’annaa jala ooluu ibsameera.
Hawaasni wayita hojjettuu manaa qacaru wabii gahaa akka dhiyeessan dirqisiisuu qabu jechuun poolisiin dhaamuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.