Shakkamtoonni yakkoota garaagaraa keessatti hirmaachuun shakkaman kumni 3 ol to’ataman

Finfinnee, Hagayya 1, 2015 (FBC) –  Shakkamtoonni yakka Shororkeessummaa, daddabarsa maallaqa seeraan alaa fi Malaammaltummaan keessatti hirmaachuun shakkaman kumni 3 ol to’atamuu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya biyyaalessaa beeksiseera.

Tajaajilichi ibsa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ergeen raawwii hojii bara 2015 gamaaggamuun xiyyeeffannoo yeroo itti aanurratti mari’ateera.

Haaloota biyyaalessaa fi naannawaa ilaalchisee odeeffannoo walitti qabuu fi xinxaaluun dhimmoota yaaddoo nageenyaa ta’uu danda’an dursanii fashaleessuu fi dhaabbata ilaalcha siyaasaarraa bilisa ta’e ijaaruuf hojiileem riifoormiin raawwatamuu ibsichi eereera.

Hojiilee bu’aa qabeessa kanneen cinaatti rakkoo nageenyaa Ityoophiyaa mudate furuuf hojiilee hedduun raawwatamuu gamaaggamichaan ka’eera.

Bara baajatichaa odeeffannoowwan kumni 9 ol qindaa’uun akkaatuma barbaachisummaa isaaniin hojiirra ooluu isaanii himeera.

Shakkamtoonni yakkoota Shororkeessummaa, daddabarsa maallaqa seeraan alaa, malaammaltummaa fi sochii seeraan alaa biroo keessatti hirmaachuun shakkaman kumni 3 ol to’atamuu ibseera.

Hordoffii garee shaneerratti taasiifameen miseensonni kumni  2 fi 327 to’atamuu fi  kuma 1 fi 849 irratti hordoffiin taasiifamaa jiraachuu ibsichi eereera.

Miseensonni Alshabaabii 165 fi Garee ISIS 121  to’atamuus ibseera.

Namoonni malaammaltummaan shakkaman 225 to’atamuu fi 691 irratti ammoo ragaan walitti qabamuu himeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment