Shakkamtoonni uffata seeraa uffachuun warqee hatan to’annaa jala oolan

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC)- Shakkamtoonni uffata seeraa uffachuun warqee tilmaama Birrii miiliyoona 1 ol basuu hatan waliin to’anna jala ooluu Komishiinin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise.
Shakkamtoonni uffata seeraa uffachuun Kutaa magaalaa Araadaa aanaa 6 naannoo riqicha Raas Mokkonnittii gara mana nama dhuunfaa miidhama obbo Abeel Tasfaa imaluun namni dhunfaa kun yakkamaa ta’uusaanii ollaatti erga himanii booda mana cufamee ture cabsaanii seenuun warqee daldalaa kuusaa keessaa ture Birrii miiliyoona 1 olitti tilmaamu hatusaanii poolisiin ibseera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment