Shakkamtoonni qajeelfamaa fi hojmaata Siiviil Ayiveeshinii cabsan namoonni 6 Mana Murtiitti dhiyaatan

Finfinnee, Hagayya 20, 2016 (FBC) – Shakkamtoonni tibbana qajeelfamaa fi hojmaata Siiviil Ayiveeshinii Itiyoophiyaa cabsan namoonni 6 Mana Murtiitti dhiyaataniiru.

Shakkamtoonni kunneen Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha rammaddii beellamaa Lidaatti dhiyaataniiru.

Manni murtichaa Yaada Qorannoo Poolisii Federaalaa fi qabxii falmii Abukaatoonni shakkamtootaa kaasanirraatti yaada murtoo kennuuf guyyaa boruutti beellameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment