Shakkamtoonni Moobaayiloota dabalatee meeshaalee garaagaraa karaa seeraan alaa daddabarsaa turan to’ataman

Finfinnee, Hagayya 30, 2015 (FBC) – Shakkamtoonni Moobaayiloota dabalatee meeshaalee garaagaraa hedduu karaa seeraan alaa daddabarsaa turan 2 to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee ibse.

Shakkamtoonni kunneen yeroof konkolaataa abbummaan isaa hin beekkamneen Re’oota 202 gubbaan, jalaan ammoo Moobaayiloota hedduu, meeshaalee qaama jijjiirraa konkolaataa, Qorichaalee fi faayaalee hedduu Yaaballoo fe’uun magaalaa Finfinnee iddoo addaa Warshaa Qaruuraa jedhamee waamamu wayita ga’an to’atamuu ibseera.

Poolisiin Federaalaan Tajaajila Odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa waliin hordoffii taasiisaa turaniin to’atamuu ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment