Shakkamtoonni maallaqa sobaa maxxansuun raabsaa turan 4 to’ataman

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC) – Shakkamtoonni maallaqa sobaa maxxansuun raabsaa turanii fi karaa seeran alaa daddabarsaa turan 4 to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiise.

To’annoo fi hordoffii Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftootti taasiifameen namoonni dhuunfaan Birrii miiliyoona 1.7 karaa seeraan alaa daddabarsaa turan to’atamaniiru jedhame.

Namoota to’ataman keessaa 2 lammiilee biyya alaa ta’uun eerameera.

Kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo naannawaa manneen waliin jireenyaa Ajaambaatti maallaqoonni sobaa maxxanfamuuf adeemsarraa turan hedduun to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee eereera.

Meeshaaleen adda addaa maallaqoota kanneen maxxansuuf tajaajilan hedduunis to’atamuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment