Shakkamtoonni lafaan siif kennina jechuun nama dhuunfaarraa Birrii miiliyoona 30 fudhatan to’ataman

Finfinnee, Eebla 5, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinneetti shakkamtoonni lafaan siif kennina jechuun nama dhuunfaarraa kaffaltii duraa Birrii miiliyoona 30 fudhatan to’ataman.

Shakkamtoonni kunneen lafa duwwaa kaabineen magaalichaa akka siif murteessu taasisna jechuun nama dhuunfaarraa kaffaltii duraa Birrii miiliyoona 30 fudhachuu ibsameera.

Miseensa kaabinee magaalichaa of fakkeessuun lafa duwwaa kaareemeetira kuma 5 kutaa magaalaa Ekkaa aanaa 9 naannoo Hoteela Araaraat jedhamuun beekamu jiru kaabineen magaalichaa akka siif ramadu ni taasifna jechuun kan goyyoomse obbo Fiqrasillaasee Taaddasaafi deeggartoonni isaa to’annaa jala ooluu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment