Shakkamtoonni Buna Kuntaala 260 ol seeraan ala gurguruuf socho’aa turan to’ataman

Finfinnee, Amajjii 27, 2016 (FBC) – Shakkamtoonni Buna Kuntaala 260 ol seeraan ala Kuusanii gurguraaf socho’aa turan to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiise.

Shakkamtoonni kunneen heeyyama seeraa osoo hin qabaatin Magaalaa Shaggar Kutaa magaalaa Furiitti mana Kuusaa Keessatti kuusuun wayita gurguruuf socho’aa jiran eeruu ummatarraa argame bu’uura godhachuun hordoffiin taasiifamaa turuu himeera.

Namoonni kunneen Buna kana gurguraaf osoo sochiirra jiranuu Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraa aanaa 2 bakka addaa Ayaat jedhamutti to’atamuu ibseera.

Bunni to’annaa jala oolu Kuntaalli 267 ajaja mana Murtiin Gabaa Oomishaa Itiyoophiyaaf galii akka ta’u murtaa’uu himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment