Finfinnee, Hagayya 14, 2013 (FBC)- Shakkamtonni qabeenya maallaqaa Birrii miiliyoona 4 fi kuma 700 ol tilamamuu qabu Biiraa saanduqaa 638 fi konkolattoota hatuun miliquuf osoo yaalanii to’annoo jala oolchuun qulqulleessa jiraachuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.
Shakkamtoonni kunneen yakka kanas kan raawwatan Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Addis Katamaa iddoo addaa Addisuu Mikaa’eel jedhame waamamu dhaabbataa Oomishaalee BGI Ityoophiyaatti bakka bu’aan Raabsa ‘Altad Ethiopia’ Itti gaafatamummaa isa murtaa’e Kaampaanii dhuunfaa keessatti raawwatamuu poolisiin eereera.
Shaakkamtoonni kunneenis kaampaanicha keessatti namni tokko hojii eegumsaa kan hojjetuu fi kana dura namni eegumsaa kaampaanicha keessaa naamusaan hojii alaa ta’eefi shakkamaan sadaffaan immoo yakkicha karaa milkaa’inaa qabuun akka raawwatamuuf hanga kaampaanichaa dhufuun oddeeffannoo kennuun taasisaa turus poolisiin qorannoo isaan eereera.
Shakkamtoonni kunneen qabeenya kana erga hataanii booda Birrii Miiliyyona 1.9 gurguruuf namaa bitu osoo barbaadani eeruu uummati laateen qabeenya haataan waliin harkaaf harkatti qabamuus himameera.
Hojii Gaggeessa Olaanaa Dhaabbatichaa Obbo Anberber Kinfee shakkamtoonni kunneen dhaabbaticha keessatti waggaa tokko ooliif qaxaramuun tajaajilaa akka jirani himuun namoonni kunneen to’annoo jala akka oolaniif deeggarsaa guddaa kan taasisees kaameraan Nageenyaa dhaabbaticha keessatti hojjirra oole ta’uus himaniiru.
Hojii gaggeessitoonni dhaabbilee garaagaraas yeroo hojjettoota Eegumsaa qaxaruu barbaadan naamusa hojiif sirritti qaban hubachuun qaxaruus qabu jechuun Poolisiin Magaala Finfinnee dhaamsa dabarsuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinnee irra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.