Shakkamaan Taaksii Birrii biiliyoona 25 ol miidhaa qaqqabsiisuun himatame balleessera jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2017 (FBC) – Shakkamaan Barakat Allellinyi jedhamu taaksii Birrii biiliyoona 25 ol miidhaa qaqqabsiisuun himatame balleessaa raawwateera jedhame.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddachi 1ffaa Yakka Malaamaltummaa Barakat Allellinyi yakka himatameen balleessaa raawwachuu isaa itti murteesseera.

Manni murtichaa ragaa Ittisaa Himatamaan dhiyeesse qorachuun ragaa Abbaa Alangaa waliin madaaluun dhaddacha har’a ooleen himatamaan badii raawwachuu isaa mirkaneessuun murtee balleessummaa itti murteesseera.

Haaluma kanaan yaada bitaa mirgaa qorachuun murtee adabbii kennuuf Onkololeessa 27, 2017’tti beellameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment