Shakkamaan meeshaalee waraanaa Shaneef dabarsuuf ture to’atame

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Dabra Seenaatti Shakkamaan meeshaalee waraanaa Shaneef dabarsuuf ture to’atamuu ibsameera.
Tajaajila odeeffaannoo fi nageenya biyyaalessaa waliin ta’uun hordoffii taasiifamaa tureen shakkamaan meeshaalee waraanaa fe’ee Godina Walloo Kaabaa ka’uun Raayyaa Qobboon gara Finfinnee imalaa ture magaalaa Dabra Seenaatti to’atamuu himameera.
Yeroo ammaa shakkamaan kun to’annoo jala ooluun dhimmichi qoratamaa jiraachuu itti gaafatamaan Poolisii magaalichaa Inispeektar Olaanaan Wandawasan Jamaanahiin ibsaniiru.
Abbabaa Yeshawaali’uultu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment