Shakkamaan jaarsummaa fi mariin gadi lakkifamuu hin jiraatu- Abbaa Alangaa Waliigalaa

Finfinnee, Qaammee 2, 2012(FBC)- Shakkamaan jaarsummaa fi mariin gadi lakkiifamuu hin jiraatu jechuun Abbaan Alangaa waliigalaa beeksiseera.

Itti aanaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa obbo Fiqaaduu Tsaggaa guyyaa har’a ibsa laataniiru.

Ibsaa isaaniin shakkamtoonni addabaabayirratti nama ajjeesuu fi hokkoorrii akka umaamu taasisaan seeraatti dhiyeessuuf hojjetama jira jedhaniiru.

Ajjeechaa Artiist Hacaaluu Hundeessaa raawwachuu fi ajjeechichaan walqabatee hookkara uumameen namoota shakkamanirratti  himatni akka irratti banamu himameera.

Ibsichaan ajjeechaa artiist Hacaaluu Hundessaarratti kallattiin kan hirmaatanii fi ishee isaa waliin turtee, galmee obbo Jawaar Mahaammad fi galmee obbo Iskindir Naggaa irratti himatni akka irratti banamuu ibsaniiru.

Dabalataniis naannoo Oroomiyaatti shakkamani to’annoo jalaa kan oolaan hedduu isaan irratti qorannoon xumurameera jedhan.

Obbo Fiqaaduu Tsaggaa, abbaan alangaa waliigala dandeetti qabuutti fayyadame yakkamtoota haqaatti dhiyeessuuf haalaa foyya’aan hojjetama jira jedhaniiru.

Hayileyesuus Siyyumtu gabaasee.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment