Finfinnee, Mudde 6, 2017 (FMC) – Magaalaa Shaggaritti sosochiin torbee nageenya tiraafikaa’mata duree ‘Sababa Kootiin lubbuun nama tokkoo darbuu hin qabu!’ jedhuun gaggeeffameera.
Sosochii torbee nageenya tiraafikaa kun bakka Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dookrar Tashoomaa Addunyaa dabalatee hoggantoonni biroo fi kutaalee hawaasaa argamanitti kutaa Magaalaa Furiitti gaggeeffameera.
Balaa tiraafikaan lubbuun namoota hedduu darbaa jiruufi qabeenya guyyaa guyyaan barbada’aa jiru xiqqeessaa deemuun dhaloota baraaruun dirqama ta’uu kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan dubbataniiru.
Sochiin tiraafikaa diinagdee naannichaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Sadarkaa magaalaa Shaggaritti sochii geejjibaa Ammayyeessuuf hojiileen teeknoolojii fayyadamuufi daandiileen mijeessuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Sosochiin torbee tiraafikaa kun kilaastaroota magaalaa Shaggar hundaatti itti fufee kan gaggeeffamu ta’u ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ethiopia