Shaggaritti sosochii Invastimantii fi maddoota galii garaagaraarraa galiin Birriin biiliyoonni 16 argame

Shaggaritti sosochii Invastimantii fi maddoota galii garaagaraarraa galiin Birriin biiliyoonni 16 argame
Finfinnee, Bitootessa 16, 2017 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti bara kana hanga ammaatti sosochii Invastimantii fi maddoota galii garaagaraarraa galiin Birriin biiliyoonni 16 argamuu ibsameera.
Sosochiin Invastimantii magaalichaa lammiilee hedduuf carraa hojii uumuus eerameera.
Invastimentiin magaalaa Shaggar akka kanaan duraa hawaasa rakkoof kan saaxilu osoo hin taane fayyadamummaa hawaasaa karaa mirkaaneesseen hojjetamaa jiraachuu kantibaan magaalaa Shaggar Dooktar Tashomaa Addunyaan dubbataniiru.
Hojiin Invastimentii magaalaa Shaggar keessatti hojjetamaa jiru guddinaa magaalaa mirkaneessurraa darbee rakkoolee hawaasa qonnan bulaa mudachaa ture furuu ibsaniru.
Yeroo ammaa Invastimantiif haalli mijaataan uumamuu Sadarkaa itti aanaa kantibaatti qindeessaan Kilaastera diinagdee magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloon kaasaniiru.
Dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuus dubbataniiru.
Miidhaksaa Qachaatu gabaase.
Comments (0)
Add Comment