Shaggaritti Leenjitoonni koolleejjii BLTO kuma 2 ol eebbifama

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2015 (FBC)-Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaalee Magaalaattii hundaatti Koolleejjiiwwan BLTO Mootummaa fi dhuunfaatti leenji’aa turan Kuma 2 ol eebbifamaniiru.

Eebbifamtoonni kunneen ogummaan garaararaan leenji’aa kan turaniidha jedhameera.

Saganticharrattis, Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa, Ministir Deetaan Ministeera Hojiifi Ogummaa Obbo Nugusuu Xilaahuun, Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaan Oromiyaa Obbo Maatewoos Sobbooqaa, Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa dabatee qondaaltonni Mootummaa fi keessummoonni bjroon argamuuu ragaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaan Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataan, sirni jalqabsiisa hojii kenna tajaajila lammummaa sektera carraa hojii uumuu gaggeffameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment