Shaggarii fi BNO Galmeessa lafaa qindaa’aa dijitaalawaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Sadaasa 12, 2016 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Shaggarii fi Bulchiinsi Nageenyaa Odeeffannoo Dhimmoota galmeessa lafaa qindaa’aa dijitaalawa fi kanneen biroorratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Waliigaltichis sanadoota galmeessa lafaan walqabatan dijitaalessuu, tajaajila elektirooniksii, kaffaltii dijitaalawaa fi galmeessa lafaa tajaajilootaa biroon waliti hidhuuf kan tumsuudha jedhan.

Kana malees sirna ragaa qabeenyaa lafaa magaalattii diriirsuu, ragaa mirkaneessa abbummaa lafaa, nageenyummaa ragaalee eegsiisuu fi ogeeyyiif leenjii kennuu kan dandeessisuu ta’uun eerameera.

Pirojektiin kunis baatiiwwan 20 keessatti kan xumuramu ta’uun ibsameera.

Waliigalticharratti Daayrektarri Olaanaa Bulchiisa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, bulchiinsichi pirojektii Magaalaa Ismaartii dhugoomsuuf sirnaa dandeessisu kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Kunis bulchiinsaaf mijataa, iftoomina kan qabu fi tajaajila saffisaa kennuu kan dandeessisuudha jedhan.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan gama isaaniin, magaalaa shaggara ismaartii taasisuuf karoora qabame milkeessuuf hojiileen galmeessa lafaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Gama kanaanis sirna bulchiinsa lafaa magaalattii walbuusaa ta’e qajeelchuuf teeknooloojiin deeggaramuun Shaggariin galma magaalaa ismaartii taasisuuf qabame milkeessuuf Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment