Shaggar Magaalaa aadaan bade keessatti deebi’u akka ta’uuf hojjetamaa jira-Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Fulbaana 24, 2017 (FBC)- Magaalaa Shaggar magaalaa aadaan bade keessatti deebi’u akka ta’uuf hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Magaalattii Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsan.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti jala-bultiin ayyaana Irreechaa kabajamaa jira.

Sagantichi bakka hooggantoonni olaanoo Naannoo, Magaalaa, Kutaa Magaalaa, Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee, artistoota, qeerroowwanii fi qarreewwan argamaniiru.

Dooktar Tashoomeaan akk jedhanitti, Magaalaan Shaggar bakka aadaan Oromoo itti calaqqisu ta’uu ibsan.

Duudhaan galateeffannaa Oromoo, calaqqee guddummaa, jaalalaa fi tokkummaa ta’uu himanii, kabaja ayyaanichaafis keessummoota karra hundarraa seenaniif simannaa ho’aan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Magaalaa Shaggaris bakka aadaan bade itti deebi’u taasisuuf hojjetamaa kan jiru ta’uus dubbatan.

Baayiluu Baanee fi Kominikeeshinii Shaggar

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment