Shaggar carraalee damee tuuriizimiif oolan hedduu qabdi-Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Fulbaana 23, 2017 (FBC)- Torban Turizimii Oromiyaa marsaa 4ffaan mata duree “Mul’ata Magaalaa Shaggar Dhugoomsuuf Qophaa’ummaa, Tooftaalee fi Carraalee Jiran” jedhuun gaggeeffameera.

Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan haasawaa taasisaniin, Magaalaa dinagdee, dijitaalaa fi magaalaa egeree tahuun ishee magaalota biraa irraa adda ishee kan taasisu tahuu himuun, sagantaa torbee Turizimii Oromiyaa humna, kaayyoo hundeeffama ishee fi galmoota magaalaa Shaggar qabaman addunyaatti beeksisuuf gumaacha olaanaa qabaachuu himan.

Dooktar Tashoomaan Magaalaan shaggar carraawwan guddina tuuriizimiitiif oolan danuu kan qabduu fi hojiiwwan invastimantii magaalichas qonnaan bulaa magaalichaa karaa hammateen kan hojjetamu ta’uun ibsan.

Itti Aanaa Komishinii Turizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajoo gama isaaniin hojiilee Damee Tuurizimii Magaalaa Shaggar irratti tumsaan kan hojjetamu ta’uu kaasanii, carraawwan tuurizimii magaalattii hojiin beeksisuu fi balal’iisu hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaas hojiilee damichaarratti bobba’an waliin kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Bayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment