Shaashamanneetti suphaa fi ijaarsi manneen harka qalleeyyii 65 eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2015 (FBC) –Magaalaa Shaashamanneetti suphaa fi ijaarsi manneenii harka qalleeyyii Birrii miiliyoona 36 hojjetamuu eegale.

Manneen 65 harka qalleeyyii fi qaama miidhamtootaaf Birrii miiliyoona 36 ijaarramaa jiraachuu Kantiibaan magaalaa shaashamannee obbo Adaanee Taklagoorgis ibsaniiru.

Manneen kunneen maallaqaa mootummaa, tola ooltotaa, seektaraalee bulchiinsaa, buusii hojjattoota mootummaa fi abbootii qabeenyaa kan ijaarraman ta’uu dubbataniiru.

Waajjiiri konistiraakshinii qofti kuma dhibba 4 oliin mana qaama miidhamtuu tokkoo ijaaraa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Konistiraakshinii obbo Aabbuu Amaan ibsaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment