Shaashamanneetti kaanaabiisii giraamni 3000 to’annoo jala oole

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2012 (FBC) – Poolisiin bulchiinsa magaalaa Shaashamannee kaanaabiisii giraama 3000 to’annoo jala oolche.
 
Qajeelchi poolisichaa akka ibsetti, kaanaabiisiin kun magaalaa Shaashamanneerraa gara Mooyyaaleetti geejibsiifamaa tureera.
 
Kaanaabiisicha teessoo xixinnaa fakkeessanii kaartooniin saamsuun geejibsiisaa turaniiru.
 
Kaanaabiisichi torbee kana keessa akka qabamedha qajeelchichi kan hime.
 
Shakkamtoonni kaanaabiisicha geejibsiisaa turan, konkolaataa geejjiba ummataa fayyadamuun osoo geejibanuuyi eeruu hawaasatiin harkaa fi harkatti kan qabaman.
 
Qajeelchichatti ajajaan waajjira poolisii aanaa 2ffaa Saajin Muddiin Mahaammad FBCtti akka himanitti; kaanaabiisii malee meeshaaleen baala sammuu adoochan 200 gubataniiru.
 
Kantiibaan bulchiinsa magaalichaa obbo Tamaam Huseen gama isaanitiin qaamolee haala kanaan nageenya magaalattii jeequuf yaalan irratti, qaawwa seeraa furuun tarkaanfii malu ni fudhanna jedhan.
 
FM Faanaa Shaashamanneeraa Xilaahuun Yilmaatu gabaase.
 
 
Comments (0)
Add Comment