Shaashamanneetti Birrii miiliyoona 110’n hojiin boolla bishaanii qotuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu furuuf Birrii miiliyoona 110’n hojiin boolla gadi fagoo qotuu gaggeeffamaa jiraachuun inbsame.

Itti Gaafatamaan Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Magaalichaa Injiinar Damissee Nyooree, waliin ga’iinsa bishaan dhugaatii qulqulluu mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu jiraattota magaalichaa furuuf boolli bishaanii lama baasii Birrii miiliyoona 110’n qotamaa jira jedhan

Yeroo ammas hojiin qotiisaa boolla bishaanii gaggeeffamaa jirus sadarkaa gaariirraa akka jiru eeraniiru.

Dhaabbatichi hawaasa gandoota 36’f tajaajila bishaan dhugaatii kennaa jiraachuu Injiinar Damiseen himaniiru.

Jibiriil Huseentu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment