Finfinnee, Bitootessa 3, 2017 (FMC) – Taphoota moo’anii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa xumuraan taphni har’a Atleetikoo Maadriid Riyaal Maadriid keessummeessu hawwiin eegama.
Taphni kun har’a halkan sa’aatii 5:00 irraa jalqabee taphatama.
Tapha marsaa jalqabaan Riiyaal Maadriid galchii 2 fi 1n Atileetikoo kan injifate yoo ta’u,marsaa itti aanuuf darbuuf falmiin Kilaboonni lamaan har’a taasiisan xiyyeeffannoo argateera.
Sa’aatuma walfakkaatuutti Arsenaal PSV waliin taphata.
Tapha moo’anii darbuu marsaa jalqabaan Arsenaal galchii 7 fi 1n PSV injifachuun kan yaadatamuudha.
Akkasumas Astoon Viilaan Istaadiyeemii Viilaa Paarkitti Kilab Biruuj ni keessammeessa.
Tapha moo’anii darbuu marsaa jalqabaan Astoon Viilaan galchii 3 fi 1n injifachuun ni yaadatama.
Gama biroon halkan sa’aatii 2:45 eegalee Liil Boorishiyaa Doortimandi waliin taphata.
Kilaboonni lamaan tapha moo’anii darbuu marsaa jalqabaan galchii 1 qixa bahuun kan yaadatamuudha.
Tapha eda taphatameen Baarseloonaa, Baayerni Muuniik, PSG fi Intar Miilaan morkattoota isaanii injifachuun tapha nuusa xumuraaf darbaniiru.
#Oromia #Ethiopia