Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan har’a taphoonni 8 ni taphatamu

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015 (FBC) – Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’a taphatamuun morkiin Boorishiyaa Doortimandii fi Maanchiisteer Siitii gidduutti taasiifamu xiyyeeffannoo argateera.

Tapha Doortimandiifi Siitiin Eerliingi Biraawut Haalaandi gara Jarman imaluun yeroo jalqabaaf kilaba keessatti boqonnaa gaariitti tarkaanfate waliin morkata.

Taphichaan Maanchiisteer Siitiin tilmaama injifannoo argateera.

Taphichi har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee kan gaggeeffamu yoo ta’uu, Eerliingi Biraawut Haalaandi kubbaan maal dalaguu danda’a tilmaamni jedhus yaada daawwattootaafi dinqiisifattoota isaati.

Tapha biroon Saalizbuurgii Cheelsii waliin morkiin taasisan tapha tilmaamni salphaan kennamuufi miti.

Kilaboota lameen gidduu garaagarummaan qabxii 1 qofti jiraachuun ammoo taphichi si’oominaan akka eegamu taasiiseera.

Taphni Saalizbuurgiifi Cheelsii galgala har’aa sa’aatii 1:45’tti eegala.

Tapha Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa biroon RB Leepizhiig shaampiyoonaa liigichaa yeroo 14 Riyaal Maadirid keessummeessuuf qophii xumureera.

Iddoosaa Abdiitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment