Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa aanolee Godina Jimmaatti eegale

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)-Godina Jimmaatti shaampiyoonaan Ispoortii aadaa bara 2014 aanolee godinichatti guyyaa har’aa eegalameera.

Shaampiyoonaan kun gosoota ispoortii garaagaraatiin aanolee godinichaa hirmaachisuun guyyoota 10’f kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Godina Jimmaa Obbo Nagummaa Mokonnin ispoortiin aadaa bu’uura ispoortii hundaati jechuun, shaampiyoonaa kanaan ispoortessitoota ciccimoo ta’an horachuuf xiyyeeffannoon ni hojjatama jechuu isaanii ragaan kominikeeshinii godinicharra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment