Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa 26ffaa fi feestivaalli Ispoortii aadaa Oromiyaa 11ffaan eegale

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2013 (FBC)- Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa 26 fi feestivaali Ispoortii aadaa Oromiyaa 11ffaan magaalaa Lagaxaafoo Lagadaadhiitti bakka hoggantoonni olaanoo Naannoo fi Federaalaa argamaniiti eegaleera.
Sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa obbo Addisuu Araggaan, shaampiyoonicha ifatti eegalchiisaniiru.
Obbo Addaisuun waldorgommii ispoortii aadaa kun obbolummaa cimsuudhaa waan ta’eef turtii taasifamuu keessatti miira obbolummaatin ta’uu akka qabu dhaamaniiru.
Komishinarri Komishinii Ispoortii Oromiyaa obbo Naasir Huseen Ummata Oromoof ispoortiin aadaa jireenyaa isaa waliin kan walitti hidhateefi aadaa isaa addunyaaf kan itti ibsatuudha jedhan.
Ispoorteessitoonni waldorgommii kanarratti hirmaatanis waldorgommii qofa otuu hin ta’in aadaa fi duudhaa isaanii walii dabarsuun akka ta’u ibsuun naamusa gaariifi fakkeenyummaa qabuun akka gaggeeffamu dhaamaniiru.
Shaampiyoona kanarratti ispoorteessitoonni 600 ta’an gosa Ispoortii kudhaniin kan hirmaatan yoo ta’u waldorgomichi torban 1f kan turu ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominkeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment