Shaampiyoonaan Atleetiksii Addunyaa 19ffaan boru eegala

Finfinnee, Hagayya 12, 2015 (FBC) – Shaampiyoonaan Atleetiksii Addunyaa 19ffaan boru Hangaarii Magaalaa Budaapeesitti gaggeeffamuu eegala.

Fiigichi kiiloomeerira 10 dubartootaan halkan sa’aatii 3:55 irraa eegalee fiigamu si’oominaan eegama.

Atleetoonni Ityoophiyaa fageenyaa kanaan meedaaliyaa ni argatuun eegamu.

Alteet Ijjigaayyoo Taayyee, Lattasanbat Gidayi, Gudaaf Tsaggaayii fi Lamlam Hayiluun Atleetoota fageenyichaan Ityoophiyaa bakka bu’an ta’uu eerameera.

Fageenyichaan morkiin Atleetoonni Ityoophiyaa Atleetoota Keeniyaa fi Atleet Siifan Hasan waliin taasiisan xiyyeeffannoo olaanaa argateera.

Ityoophiyaan seenaa Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaan fageenya Kiiloo Meetira 10 dubartootaan hanga ammaatti meedaaliyaa Warqee 8, Meetii 8 fi Nahaasii 4 qabdi.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment