Shaampiyoonaan Atleetiksii addunyaa 18ffaa halkan har’aa ni eegala

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaan Atleetiksii addunyaa 18ffaa Ooriigaanitti halkan har’aa ni eegala jedhame.
Gulaalliin gufachiisaa meetira kuma 3 halkan sa’aatii 9:15 irratti dhiiroota gidduutti kan gaggeeffamu yoo ta’uu, sa’aatii 10:10 irratti ammoo gulaalliin meetira kuma 1 fi 500 dubartoota gidduutti ni gaggeeffama.
Dorgommiin kun Chaanaalii Addaa DSTV fi Chaanaalii Bashannanaa Broodkaastiingii Korporeetii Ityoophiyaatiin kallattiin kan tamsa’u ta’uu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa irraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment