Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa Umrii 20 gadii har’a eegala

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa Umrii 20 gadii Kolombiyaa Kaaliitti gaggeeffamu guyyaa har’aa kan eegalu ta’uu ibsame.

Dorgommii guyyaa har’aa eegaluun atileetonni Ityoophiyaa fageenya garaagaraan ni hirmaatu.

Haaluma kanaan fiigichi gulaallii meetira 1500 dhiiraa har’a galgala sa’aatii 12:00 irratti  kan fiigamu yoo ta’u, sa’aatii 12:30 irratti ammoo fiigichi gulaallii gufachiisaa meetira 3000 dubartootaa kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Dorgommiin fiigicha xumuraa meetira 3000 dubartootaa halkan keessaa sa’aatii 7:00 irratti kan gaggeeffamu yoo ta’u, dorgommiin  xumuraa meetira 5000 dhiirotaa halkan keessaa sa’aatii 7:55 irratti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Bifuma walfakkaatuun galgala har’aa sa’aatii 1:08 irratti fiigichi gulaallii meetira 800 dubartootaa kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment