Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa har’a xumurama

Finfinnee, Hagayya 21, 2015 (FBC)-Hangaarii Buudaapestitti gaggeeffamaa kan jiru Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 19ffaan har’a galgala dorgommiiwwan gaggeefamaniin xumurama.

Galgalaa sa’aatii 3:10 irratti fiigichaa meetiraa kuma 5 dhiirotaan Atileetonni Itiyoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa, Barrihuu Aragaawwii fi Haagos Gabirahiiwoot ni eegamu.

Akkasumas sa’aatii 4:10 irratti fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 dubartootaan Atileet Simboo Alamaayyoo, Loomii Mullataa fi Zarfee Wandimmaaganyi kan hirmatan ta’uun ibsameera.

Dorgommiiwwan shaampiyoonichaa hanga ammaatti gaggeeffamaniin Itiyoophiyaan meedaaliyaawwan 9’n Addunyaarraa sadarkaa 5ffaa, Afrikaarraa jalqabarratti argamti.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment