Shaampiyoonaa Kilaboota Naannoleerratti Oromiyaarraa Kilaboonni 9 ni hirmaatu

Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC)- Shaampiyoonaa Kilaboota naannolee Ityoophiyaarratti Naannoo Oromiyaarraa Kilaboonni 9 ni hirmaatu.

Shaampiyoonaan Kilaboota Naannolee Ityoophiyaa Waxabajjii 3, 2015 Naannoo Sidaamaatti gaggeeffama.

Haaluma kanaan Naannoo Oromiyaarraa Kilaba Magaalaa Ammaayyaa, Kilaba Magaalaa Gimbii, Kilaba Magaalaa Dambii Doolloo, Kilaba Magaalaa Malkaa Noonnoo, Kilaba Magaalaa Sulultaa B’n ramaddii dhiiraan ni hirmaatu.

Kana malees, Kilaba Magaalaa Bishooftuu, Amboo Gool FIFA, Bishaan Gurraachaa, Koollejjii Selleekti ramaddii dubartootaan kan hirmaataan ta’uu ragaan Federesshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment