Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaan Ityoophiyaan Meedaaliyaa Warqee 3ffaa argatte

Finfinnee, Adoolessa 11, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaan 18ffaan Atleet Atileet Gooyitiitoom Gabrasillaasee dorgommii Maaraatoonii dubartootaan Meedaaliyaa Warqee 3ffaa Ityoophiyaaf argamsiifte.

Atileet Gooyitiitoom fiigichicha xumuruuf sa’aatii 2 fi daqiiqaa 18 fi maayikiroo sekoondii 11 itti fudhateera.

Dorgommii kanaan rikardii dorgommii shaampiyoonaan qabamee jiru fooyyessiteetti.

Meedaaliyaa Warqii Atileet Gooyitiitoom argamsiistee Ityoophiyaaf meedaaliyaa 3ffaadha.

Dorgommichaan Atileetonni Keeniyaa fi Israa’eel 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment